Finfinneetti mana dhiphaa keessatti 150 ta’uun shiishaa xuuxaa kan turan to’ataman
Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) –Finfinneetti mana gandaa dhiphaa keessatti 150 ta’uun shiishaa xuuxaa kan turan to’ataman.
Koomiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiin hubannaa uumuu hojjetamaa osoo jiruu dhibaa’ummaan akkanaa balaa hamaa fiduu akka malu ibseera.
Koomiishinichi namoonni tokko tokko dhibaa’ummaan heddummaatanii mana dhiphaa keessatti jimaa qama’uu fi shiishaa xuuxuu itti fufaniiru jedheera.
Vaayrasichi harka walqabachuu, walitti siquu, qufa’uu, haxxiffachuu, harka dhiqachuu dhabuu, funyaanii fi afaan tuttuquun akka tamsa’us yaadachiisera.
Shakkamtoonnis kutaa bulchiinsa Addis Katamaa, aanaa 01, nananoo Gommaa Taraatti kan qabaman.
Dhimmoota walfakkaatoo ittisuuf hawaasni eeruu akka laatus poolisiin gaafateera.