Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti lafa jalatti kan ijaaramaa jiru gamoon bulchiinsa tiraafikaa xumuramaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinnee gama Smart City taasisuutiin gahee olaanaa kan qaban pirojektoonni ammaayyaa’oon xumuramaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Pirojektichi sochii geejjiba bu’uuraa kan saffisiisuu fi sirna tiraafikaa kan ammayyeessu ta’uu Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Dabalataan, nageenya daandii, sochii yakkaa, balaawwan tasaa fi ibiddaa, tajaajila ambulaansii saffisiisuu fi ammayyeessuuf tajaajilichaa giddugala tokkoorraa kennuuf kan dandeessisu, lafa jalatti kan ijaaramaa jiru pieojektiin gamoon abbaa darbii afurii tokko ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsii fi teeknooloojiiwwan dhabuuf waliigalaan baasiin birrii biiliyoona 2 akka ba’e eeruun magaalattii gama hundaan Smart City taasisuuf hojiileen hojjetaman gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.