Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti kaariikulama afaan heddumminaa qoratamerratti mariin hawaasaa akka gaggeeffamu ibsame

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti turban dhufuu kaasee kaariikulama afaan heddumminaa qoratamerratti hawaasaa waliin marii akka gaggeeffamu ibsame.

Magaalichatti mariin hawaasa barnootaa sadarkaan kan itti fufe yoo ta’u, manneen barnootaa kutaalee magaalotaa hundaattis adeemsi baruu fi barsiisuu tasgabbiin gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuu akka ibsanitti, sirni barnoota afaan heddumminaa Yuunivarsiiti Metiroopolitaanii Kotabeen qoratamaa turerratti hawaasa waliin mari’atamu kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Kaarikulamni kun ragga’ee hojiitti kan seenamuu fi heddummina magaalattii eegee ga’umsaan sirna keessumsiisuu ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa bu’uura imammata afaanii Miniteeraa Barnootaan afaanonni 3 of danda’anii akka gosa barnootaatti manneen barnootaa keessatti akka barsiifaman taasisuu fi dhimmoonni alaabaa fi faaruus furmaata kan kennu ta’uu Dooktar Zalaalam ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.