Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti guyyaa boruu hiriirri deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa fi balaaleeffannaan garee shororkeessa ABUT ni gaggeeffama

Finfinnee, Hagayya 1, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti guyyaa boruu hiriirri deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa fi balaaleeffannaan garee shororkeessa ABUT ni gaggeeffama jedhameera.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee fi godina adda Oromiyaa naannawaa Finfinnee guyyaa boruu Hagayya 2, 2013 addababaayii Masqalaatti hiriira deeggarsa ni gaggeessuu jedhameera.

Hiririichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramuuf qaamoleen nageenyaa qophii taasisuu fi guyyichaa daandiiwwan tiraafikaaf cufaa ta’aan poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Hiriricharratti faradoonni kumaatammatti lakka’amaan ni hirmaatuun eegama.

Guyyicha addababaayii Masqalaatti kan gaggeeffamuu hiriirichi hanga xumuramuutti boruu barii sa’aatii 11 irraa eegalee daandiiwwan cufaa ta’aan ifoomseera.

Bu’uuruma kanaan:-

• Daandii qilleensaa Boolee galma Barkumee gara addabaabaayi Masqalaatti daandii geessuu Danbaal Siitii Sentaar addababaayii Oloompiyaa.

• Daandiin Magganyaa, Hayaahulaatti gara addabaabaayii Masqala akkasumas Boolee Madana’aalaam, Hoteela Atilaas gara Masqal addabaabaay kan geessuu naannoo Bataskaanaa Uraa’eel.

•Daandii Kiiloo afur gara addabaabaay Masaqalaa geessuu.

• Daandiin Charchar gara Masqal addabaabaayii geessuu addabaabaayii Teedroos fi Immigeerishii.

• Daandii Takla Haayimanoot, Meetrooloojii gara addabaabaayii Masqalaa geessuu.

• Daandiin Takla Haayimaanoot, hospitaalaa Xuquur Anbassaa, gara addabaabaayichaa geessuu.

• Daandii naannoo Gejjaa, eegumsaa fayyaa, tiyaatiraa biyyoolessaa gara addabaabayichaa geessuu.

• Daandii Saarisii gara addababaayiI Masqalaa geessuu Agoonaa Sinimaa fi kutaa waraanaa afur.

• Xoor Haayloochi, Lidataa, hospitaalaa pooliisi Meeksikoo guyyaa boruu daandiiwwan cufaa ta’anidha jedhameera.

Dabalataanis jala bultiirra eegalee iddoo sirnichi itti raawwatuu fi daandiiwwan cufaa ta’aan sa’aatii gabaabafis ta’ee dheeraaf konkolaattootaa dhaabanii deemuun dhorkamuu konkalaattoonni kana hubachuun daandiiwwan filatanii akka fayyadamaan ibsameera.

Hawaasni eeruu laachuuf sararoota bilbilaa 011-1-11-01-11 ykn 011-5- 52-63-03 akkasumas sararoota bilbilaa bilisa 991 fi 987 ta’uu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.