Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti  gurmaa’insi nageenyaa naannoo kuma 32 ol hundaa’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) –Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti  gurmaa’insi nageenyaa naannoo kuma 32 ol hundaa’uu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Nageenyaa magaalichaa eeguuf gurmaa’insi naannoo kuma 32 ol hundaa’u himuun, gurmaa’insi kunis miseensota kuma 200 of keessatti kan qabu ta’uu eeraniiru.

Namoonni kunneen shiraa fi olola diinaa beekuun nageenya magaalichaa eeguuf leenjii Raayyaa uummataa fudhachuu eeggaluu himaniiru.

Yeroo ammaa kanas diinaa biyyaa keenya diiguuf ka’ee kana qolachuuf qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya magaalaa Finfinnee fi Ityoophiyaa mirkaneessuuf dhaadannoo ‘Ani poolisii naannoo kooti, Waardiyyaa nageenyaati ’ jedhuun yeroo kamuu caalaa kuutannoo fi xiiqiin kaanerraa jedhan.

Hojiin eegalame akka milkaa’uufis jiraattoonni magaalichaa deeggarsa gama hundaan gumaachuu akka qaban  ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin dhaamaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.