Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti giddugalli wal’aansa ijaa Birri miiliyoona 461 ijaarame tajaajila eegale

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hospitaalaa Minilikitti Birri miiliyoona 461 giddugalli wal’aansa ijaa ijaarame eebbifamee tajaajila eegaleera.

Sirnaa eebbichaarratti Kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsaniiti, giddugalichi magaalattii qofaaf utuu hintaane sadarkaa biyyaalessatti wal’aansa ijaa fi waliin gahiinsaa tajaajilichaa saffisaan kan guddisuudha.

Giddugalichi tajaajila wal’aansa dhibee ijaa mara bakka tokkotti kan kennuu yoo ta’u, ga’umsa wal’aansa ijaa haalaa guddisuu danda’uun giddugalichi gurmaa’uu ibsaniiru.

Tajaajila giddugalichatti kennamuun beellamaa yeroo dheeraa fi deddeebii wal’aanamtootaa kan hambisu ta’uun eerameera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, magaalattii giddugala tuuriizimii wal’aansaa taasisuuf tajaajila fayyaa saffisaa fi madaalawaa waliin gahuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.