Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti duulli Talaallii Ittisa Dhibee Laamshessaa kennamaa ture guyyoota lamaaf dheerate

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2017 (FBC) – Finfinneetti duulli Talaallii Ittisa Dhibee Laamshessaa(Pooliyoo) kennamaa ture guyyoota lamaaf dheerachuu Biiroon Fayyaa Magaaalaa Finfinnee beeksise.

Taalaalliin Ittisa Pooliyoo Fulbaana 27 – 30, 2017tti daa’immaan umrii waggaa 5 gadiif kennamaa tureera.

Daa’immaan talaallicha argachuu qaban hunda walgahuu dhabuu isaaniin hanga Onkololeessa 2, 2017tti itti dheerachuu biirichi himeera.

Maatiin daa’imman isaanii umrii waggaa 5 gadii akka talaalchisan ergaan darbuu ragaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.