Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti dhaabbilee fayyaa 699 irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Abbaan Taayitaa To’annoo, Bulchiinsaa Nyaataa, Eegumsa Fayyaa fi Qorichaa Magaalaa Finfinnee, sadarakaa addaa baasuu gaggeesseen dhaabbilee fayyaa 699’rratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu beeksise.

Ittaanaan Daayrektaraa Abbaa Taayitichaa Obbo Admaasuu Adinawu, Finfinneetti hojmaata badaa damee to’annoo fayyaan jiru addaa baasuun tarkaanfii sirreefamaa fudhachuun, galteewwan tajaajila fayyaa nageenyummaa fi qulqullinni isaanii eegame hawaasaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kunis giddugalaa hanga aanaatti dhaabbilee fayyaa dhuunfaa fi mootummaa mirkaneessi ga’umsaa kennamee fi akkaataa ulaagaa biyyaalessaan to’annoo fi hordoffii sadarkaa isaaniin taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiisaniiru.

Waliigalaan dhaabbilee kuma 2 fi 537 irratti sadarkaa adda baasuun kan gaggeeffame yoo ta’u, sadarkaa magariisaan kanneen tarreeffaman dhaabbilee kuma 1 fi 586 ta’uu hubachiisaniiru.

Rakkoo hojmaataa kan qabanii fi kan akeekkachiifaman 84, akeekkachiisa baatii sadii 473, hanqina tajaajilaa muraasa kan qaban 34, yeroo murtaa’eef guutummaatti kan saamsaman 108, waliigalaan dhaabbilee 699 irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.