Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti dhaabbilee daldalaa 159 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti haala waqtaawaa biyyatti sababeeffachuun dhaabbilee daldalaa seeraa daldala darban 159 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee beeksise.
Dhaabbileen daldalaa 159 haala waqtaawaa biyyaatti sababeeffachuun nagahee seeran alaa fi eeyyama daldalaa seeraa alaan daldalaa turan, daballii gatii taasisaanii fi oomishaa seeraan alaa kuusaaniirratti tarkaanfiin fudhatamu biirichi ifoomseera.
Magaalichatti haala amma jiruun wal qabsisee hanqinni oomishaalee akka hin uumamnee fi daldalli seeraa alaa akka hin gaggeeffamneef koreen qaamolee dhimmi ilaallaturra walitti babba’aan 81 gara hojiitti galuu ibsameera.
Korichi guyyoottan darbanitti hordooffi fi to’annoo daldalaa gaggeessen dhaabbilee daldala 159 seeraa daldala darban irratti taarkanfii fudhachuu ibseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.