Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Daayrektarootaa fi Dursitota Garee madaallii ga’umsaa fudhatan %34 darbuun ibsame

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)-Bu’aan qormaata madaallii ga’umsaa hojjettoota Bulchiinsaa Magaalaa Finfinneef ifoome.

Bu’aa qormaatichaa ilaalchisuun Yuunivarsiitii Finfinnee, Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee fi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ibsa kennaniiru.

Ibsa kennameenis Muddee 21, 2016 hojjettoonni Magaalaa Finfinnee kuma 15 fi 151 qormaata madaallii ga’umsaa fudhataniiru.

Hojjettoota raawwachiistota qormaatichaaf ta’an kuma 10 fi 257 keessaa kuma 5 fi 95 yookaan %50 ol qabxii darbiinsa galmeessuun ibsameera.

Kanneen hafaan %50 ammoo qabxii darbiinsaa galmeessuu akka hindandeenye Hoggaanaan Biiroo Misoomaa Qabeenya Humna Namaa fi Paabilik Sarvisii Bulchiinsa Magaalichaa Dookta Xaasawu Gabireen dubbataniiru.

Qormaata madaallii ga’umsaa daayrektarootaa, dursitoota garee fudhataan kuma 4 fi 213 yoo ta’an, isaan keessa qabxii darbiinsaa kan fidan kuma 1 fi 422 yookaan %34 ta’uu dubbataniiru.

Kanneen qormaataaf taa’an 681 ammoo naamusa hinmalle waan argisiisaniif qormaatichaan ala taasifamuun eerameera.

Hojjettoonni 441 ammoo qormaataaf kan hinargamne ta’uu ibsamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.