Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti buufata dhangal’aa qulqulleessu ijaaruuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti buufata dhangal’aa qulqulleessu ijaaruuf dhaabbata ijaarsaa CGCOC jedhamu waliin waliigalteen mallattaa’eera.

Piroojektiin lammiilee miiliyoona 1 fi kuma 200 ol fayydamoo taasisuu danda’a jedhameera.

Maallaqa Baankii Addunyaarraa argame Birrii miiliyoona 145 kan ijaaramu ta’uu eerameera.

Piroojektichi hawaasa kutaa magaalaa Eekkaa, Boolee fi Lammii Kuraa fayyadamoo kan taasisu yoo ta’u, waggoota sadii keessatti ijaarsi isaa kan xumuramu ta’uu eerameera.

Baankiin Addunyaa misooma magaalaa Finfinnee tumsuuf deeggarsa garaagaraa taasiisaa jiruuf Kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.