Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Boruu eegalee hanga Jimaata Ganamaatti sosochiin Geejjiba Doqdoqqee dhorkame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Damaraa Masqalaa sababeeffachuu boru barii eegalee hanga Jimaata ganamaatti sosochiin Geejjiba Doqdoqqee dhorkameera.

Boru ganama sa’aatii 12:00 eegalee hanga Jimaata ganama sa’aatii 12:00tti geejjibni Doqdoqqeen kamuu dhorkamuu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee ibseera.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu murtoo kana hojiirra akka oolchaan biirichi yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.