Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Birri miiliyoona 410 oliin kan ijaarame bakkeewwan shaakala ispoortii daa’immanii fi dargaggootaa eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 8 ,2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen bakkeewwan shaakala ispoortii daa’immanii fi dargaggootaa ammayyaa’aa 24 eebbisiisuun tajajila eegalchiisaniiru.

Bakkeewwaan shaakala ispoortii kunneen baasii Birrii miiliyoona 410 fi kuma 217 fi 800’n kan ijaaraman ta’uu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Bakki shaakalaa kunis Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Finfinnee dhaloota har’aa fi boruuf mijattuu taasisuuf daa’imman magaalattii bilisummaan kan keessa taphatan bakkeewwan taphaa fi shaakala ispoortii akka qabaatan taasisuuf kitaabaa “Dhaloota Idaa’amuu” arjoomuun imaanaa kennan simachuun ijaaramuu yaadachiisaniiru.

Baatii sadii keessatti bakkeewwan torba Birrii miiliyoona 110’n gurgurtaa kitaaba Dhaloota Idaa’amuurraa argameen kan ijaaraman yoo ta’u, kanneen hafan 17 ammoo baasii bulchiinsa magaalichaa Birrii miiliyoona 300’n kan ijaarsifaman ta’uu eeraniiru.

Kunis, daa’imman qaamaa fi sammuun ga’ooman akka guddatan taasisuuf xiyyeeffannaa kenname kan argisiisuudha jedhan.
Aadde Adaanech bara baajataa kanatti, Finfinneetti hanga ammaatti pirojektoonni kuma 5 ol xumuramuun ummataaf carraaqqii fi amanamtummaan tajaajiluu mirkaneessineerra jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.