Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Fulbaana 1, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftootti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun dubartoota 3 darbuu ibsame.

Kutaa magaalichaa aanaa 11 bakka addaa biyyoo diimaa jedhamee waamamutti Konkolaataan Fe’umsaa ‘Isuzu’ jedhamu keessummeessitoota Hoteelaa daandirra imalaa turan 3 irra bahuun ejjeessuu ibsameera.

Kanneen lubbuun darban sadanuu dubartoota ta’uu ibsameera.

Dubartiin tokko ammoo miidhamtee yaalamaa jiraachuu Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti ogeessi hariiroo ummataa Obbo Nagaatuu Maammoon eeraniiru.

Miidhamtoonni kunneen bakka hojiitii eeyyama fudhachuun maatii gaaffachuuf gara Haannaa Maariyaam imalaa osoo jiranuu balaa kanaaf saaxilamuu himaniiru.

Balaan kun guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 8:20 mudachuu himameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.