Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti balaa ibiddaa mudateen qabeenyaarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqqii Qaallittii Aanaa 9’tti balaa ibiddaa mudateen qabeenyaarra miidhaan qaqqabuu Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Finfinnee beeksise.

Balichi guyyaa kaleessaa kan mudate yoo ta’u, manneen hojiilee sibiilaa, goomiistaa fi garaajii akkasumas giroosariirra mancaatiin yoo qaqqabu nama tokkorra ammoo miidhaan salphaan qaqqabeera.

Konkolaattoonni suphaaf garaajii keessa turan fi dhangala’oo biroon ibidda uumuu danda’an jiraachuu fi balichaaf birmannaan gaafatamuun harkifatee ta’uun babal’achuu balichaaf sababa ta’eera jedhame.

Koomishiniiin Hoggansaa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Finfinnee miidhaan dabalataan akka hinqaqqabneef hojjettoota bobbaaseen beeyladootaa 32, midhaanii fi manneen jireenyaa hedduu baraaruun akka danda’ame Ogeessii Kominikeeshinii Fi Quunnamti Ummataa Koomishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon eeraniiru.

Tigisti Silashiitu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.