Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Ayyaana Qillee sababeeffachuun duulli qulqullinaa gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Ayyaana Qillee sababeeffachuun duulaan Mana Qopheessaa Fuuldara qulqulleessan.

Duulli qulqullina kunis mata duree “magaalaa keenyaa waliin jireenyaaf ni qulqulloofti; gamtaan ni ijaaramti; jaalalaan ni lalisti!” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, duulicharratti abbootiin amantaa, qondaaltota hojii mootummaa, miseensonni kaabinee maghaaalattii, hawaasi dippiloomaasii, ambaasaaddarootaa, gurmaa’inaalee garaagaraa, barattoonni fi hawaasni magaalattii hirmaataniiru.

Saganta duulichaarratti Aadde Adaanech haasawaa taasisaniin, magaalatti akkuma maqaa ishee qulqullooftuu fi naga qabeettii taasisuuf hunduu tattaffii taasifamu keessatti hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Dabalataanis, balfa ijaatti mul’aturra darbee ilaalchota qoqqoodoo hinmul’anne qulqulleessuu fi buqqisuu barbaachisa jedhaniiru.
Magaalatti qulqulleessuutti dabalataan Ayyaana Qillee lammiilee rakkoo keessatti argaman waliin akka maatiitti kabajuun barbachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.