Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti abbootiin qabeenyaa hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Finfinneetti abbootiin qabeenyaa hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Invastimantii Finfinnee beeksise.

Daayrektarri Karooraa fi Baajataa Koomishinichaa Iteenash Taammanaa akka ibsanitti, dameewwan garaagaraatiin abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa hojiilee invastimantii magalattitti bobba’uu barbaadaniif deeggarsii fi hordoffiin barbaachisaan taasifamaa jira.

Walakkaa waggaattis abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 150 eeyyama akka fudhatan, haaressaanii fi fooyyessan taasisuuf karoorfame keessaa kumni 2 fi 863 raawwatamuu ibsan.

Haalumaa kanaan invastimantii %90 hawwachuu fi lammiilee kuma 2 fi 834’f carraa hojii dhaabbii fi yeroo umamuu ibsaniiru.

Dabalataanis, pirojektootaa 424 fi dhaabbilee oomisha biyyaa alaa kan biyya keessan bakka buusan 15’f deeggarsii fi hordoffiin taasifamuu Aadde Iteenash Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyaa alaa fi keessaas nageenyaa amansiisaa fi bu’uuraalee misoomaa mijataa jiraachuu hubachuun magaalichatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessnaiiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.