Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen kan hunda keenyaa waan taateef lammiin hundi guddina isheef gumaacha taasisuu qaba-Aadde Adaanech Abeebe

Finfinnee, Mudde 16, 2015(FBC)- Finfinneen kan hunda keenyaa waan taateef lammiin hunduu guddina isheef itti gaafatamummaan gumaacha taasisuu qaba jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebe

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti hayyoota, ogeeyyii miidiyaa, abbootii amantaa, namoota bebbeekamoo fi jiraattota magaalaa Finfinnee waliin raawwii karooraa ji’oota 15 darbanii fi dhimmoota yeroo irratti marii bu’aa qabeessa taasisaniiru.

Magaalaan Finfinneen kan hunda keenyaa waan taateef lammiin itti gaafatamummaan itti dhaga’amu hundi guddina magaalattiif gumaacha taasisuu akka qabuu eeruun, fuulduraattis yaada, humnaa fi maallaqaan hojjechuu qaba jedhan.

Finfinnee mariin, tumsaan, wal dhaggeeffachuu fi yaada qaroomaan jiraattota isheef mijatuu taasisuu akka itti fufan ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3fjfcxr

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.