Finfinnee naannawaa tokko tokkotti sagaleen dhukaasaa dhagahamaa jiru kan miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhachuun gara haaromsaa imalaa jiranii ta’uu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC) –Finfinnee naannawaa tokko tokkotti sagaleen dhukaasaa dhagahamaa jiru kan miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhachuun gara haaromsaa imalaa jiranii ta’uu Poolisiini magaalaa Finfinnee beeksise.
Waamicha Mootummaan taasisee fi waliigaltee araaraa godhame hordofee miseensonni Waraana bilisummaa Oromoo hidhannoon kutaalee biyyattii garaagaraa keessa socho’aa turan heddumminaan galaa jiraachuun kan yaadatamuudha.
Miseensonni WBO kunneen gara giddugala leenjii haaromsaa qophaa’eetti imalaa jira.
Haaluma kanaan hidhattoonni kunneen waayita Finfinnee qaxxaamuruun gara leenjii imalan dhiichisaa miira gammachuun dhukaasni dhageessisaan jiraattoota magaalaa Finfinneetti rifaatuu uumuu Komishiniin Poolisii magaalichaa ibseera.
Rifaatuu uumameef dhiifama gaafachaa, yeroo itti aanu haalli akkasii akka hin mudanne of eeggannoo fi sirreeffamni kan taasifamu ta’uu himeera.
#Oromia #Ethiopia