Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee Kolfeetti mankuusaa tokkorratti balaan ibiddaa mudate

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magalaa Kolfee naannawaa addaa Beeteel jedhamee waamamutti mankuusaa tokkorratti balaan ibiddaa tasa mudachuu Koomishinin Hoggansa Soda Balaa Tasaa fi Ibiddaa Finfinnee beeksise.

Ogeessi Quunnamtii Ummataa Koomishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo FBC’ akka ibsanitti, balaan ibiddichaa har’aa naannawaa sa’aatii 4:15 tti mankuusaa pilastikaa, firaashii fi majaliisaa Arabiyaa irratti mudateera.

Balicha to’achuuf, konkolaattonni hokkara bittinneessaa Poolisii Federaalaa, Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Finfinnee fi jiraattonni naannawichaa, hojjettootaa Hoggansa Soda Balaa Tasaa fi Ibiddaa waliin tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Babal’achuu balaa ibiddichaaf meeshaaleen mankuusicha keessa jiran salphaatti kan ibidda qabsiisan waan ta’aniif, balicha hatattamaan to’achuuf ulfaata taasiseera jedhan.

Hanga oduun kun qindaa’eetti namoonni lama aaraan ukkamfamuun alatti lubbuun darbe hinjiru jedhameera.

Sababa balaa kanaan qabeenyi barbadaa‘e hanga ammatti hinbeekamne.

Masfiin Iyyaayyuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.