Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu fi hawwattuu taasisuuf waadaa galle hojiin gochaan agarsiisuu cimee itti fufeera – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu fi hawwattuu taasisuuf waadaa galle hojiin gochaan agarsiisuu cimee itti fufeera jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti hojiilee miidhaginaa qarqara fi gidduu daandii, Addabaabayiiwwan, bu’uuraalee misoomaa iddoolee magariisaa fi mandara moodeelaa waliigalaan Kaaree Meetira kuma 546 ol bal’atan abbootii qabeenyaa fi namoota dhuunfaan misooman daawwachuun hojii eegalchiisaniiru.

Iddooleen miidhagoon, hawwatoo fi qulqulluu ta’an kunneen lammiilee kuma 12 oliif carraa kan uuman ta’uu Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Qaamolee hojii kana keessatti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.