Fana: At a Speed of Life!

Finfineetti ‘Ukee’ sababeeffachuun rookeettii ayyaanaa dhukaasuun dhorkaadha-Poolisii

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti ayyaanaa Ukee (Buhee) sababeeffachuun sirna Daamotii ibsuurratti rookeettii ayyaanaa dhukaasuun dhorkaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Poolisiin dhimmicha ilaalchisuun ergaa dabarseen nageenya magaalatti waarinaan mirkaneessuuf qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun hojiilee bu’aa qabeessa raawwachaa jiraachuu ibseera.

Kunis hojiilee nageenyaa hogganuu fi to’achuuf akkasumas carraa kanaan gochaalee seeraan alaa raawwatamuu malan ittisuuf rookeettii ayyaanaa dhukaasuun dhorkaa ta’uun eerameera.

Hawaasnis kana hubachuun tumsa barbaachisaa akka taasisu waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.