Fana: At a Speed of Life!

Finciltoonni Huutii Duula Galaana Diimarratti gaggeessaniin Dooniwwan 129 irratti haleellaa raawwachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Finciltoonni Huutii Yeeman keessa socho’an Baatii Onkololeessaa eegalee duula Galaana Diimarratti gaggeessaniin Dooniwwan 129 irratti haleellaa raawwachuu ibsameera.
Haleellaan garichi naannawichatti raawwatu bal’achaa dhufuu dursaan finciltoota kanneenii Abduul Maaliik Hawutiin ibsaniiru.
Dhiibbaa Siyaasaas ta’ee Diinagdeen gochaa kanarraa kan isaan dhaabsisuu danda’u kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.
Garichi guyyoota 7 darban qofa duulaa milkaa’aa 12 Galaana Diimaa, Garba Hindii fi Galaana Meediitiraaniyaanitti gaggeesseen Dooniwwan 10 irratti haleellaa raawwachuu himaniiru.
Ololli Ameerikaa fi Ingiliiz tarkaanfii waraanaa qindoominaan fudhatameen sosochiin Finciltoota Huutii hir’ateera jechuun tamsaasaan dhara ta’uu dursaan garichaa kun himaniiru.
Tarkaanfii keenya caalaa kan hir’ite sosochii Dooniwwaan Ameerikaa fi Biriitaaniyaati jedhan.
Sochiin Galaanarraa Isiraa’eel ammoo guutummaan guutuutti sadarkaa dhaabbachuurra qaqqaba jira jechuun eeruu ‘Arab News’ gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.