Fana: At a Speed of Life!

Filmaatawwan elektirooniksiin daldaluun burjaajessitootarraa of eeggachuun akka barbaachisu eerame

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)-Hawaasni filmaatawwan elektirooniksiin walirraa bitee gurguruun tooftaalee burjaajii babal’achaa jiranirraa akka of eeggatu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii waamicha dhiyeesseera.

Daldalaan walqabatee yeroo ayyaanaatti tooftaan burjaajii uumuu waan babal’atuuf hawaasni tooftaalee elektirooniksiin bittaa fi gurgurtaa akka raawwatu Hoji Raawwachiisaan Kominikeeshinii fi Quunnamtii Ummataa Tajaajilichaa Indalee Asaffaan dubbataniiru.

Kanneen carraa elektirooniksiitti fayyadamuu hinqabne ammoo eeggannoo cimaan bitanii akka gurguratan hubachiisaniiru.

Keessumaa Ayyaana Qilleen walqabatee, haalli noottiiwwan Birrii sobaa yakkamtootaan gabaa keessatti fayyadamuu dabaluu waan danda’uuf eeggannoon akka taasifamuu waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biraan, wayita daldalaatti dhimmoonni shakkisiisoon yoo mudatan qaamolee nageenyaatti beeksisuu fi saaxiluun akka tumsan gaafatameera.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.