Fana: At a Speed of Life!

Filmaatawwan dijitaalawaan daldalli Birrii tiriiliyoona 2.8 raawwatameera-BDI

Finfinnee, Mudde 29, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti filmaatawwan dijitaalaan daldalli Birrii tiriiliyoona 2.8 raawwatamuu Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Diviizhinii Dijitaal Baankiingiitti Daayrektarri Bulchiisa Eejantii fi Marchantii Baankichaa Bileen Haayilamika’eel sochii daldalaa dijitaalawaa ilaalchisee ibsa kennaniin, yeroo ammaa fayyadamtoonni Kaardii ATM miiliyoona 12, fayyadamtoonni Moobaayil Bankiingii miiliyoona 9 olii fi fayyadamtoonni ‘CBE Birr’ miiliyoona 20 ol akka qabu ibsaniiru.

Lakkoofsi fayyadamtootaa filmaata dijitaalawaa waggaa waggaan dabalaa jiraachuu ibsanii, baatiiwwan ja’an bara baajataa 2016’tti daldaloonni miiliyoona 494 ol karaa dijitaalawaan gaggeeffamuun, bittaa fi gurgurtaan Birrii tiriiliyoona 2.8 raawwatamuu TOI himan.

Daldalli kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataan walbiraa yoo qabamu %35 akkasumas maallaqaan %118 guddina argisiisuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.