Fana: At a Speed of Life!

Filippiinsitti rooba cimaa bubbee makate rooben namoonni 47 du’an

Finfinnee, Muddee 20 ,2012 (FBC) Filippiinsitti rooba cimaa bubbee makate rooben lubbuun namoota 47 yoo darbu, qabeenyi hudduun barbadaa’uun himame.

Balaa kanaan yoo xiqqaate namoota 140 irra miidhaan qaamaa qaqqqabuu poolisiin biyyattii ifoomsera.

Namoonni 9 ammoo as buuteen isaan hin argamne.

Roobni cimaan taayfoon jedhamu kun qabeenya Doolaara Ameerkaa miiliyoona 19.7tti lakkaawwamu barbadeessuu isaa Ejansiin Ittisaa fi Too’annoo Balaa Biyyaalessaa Filippiins beeksiseera.

Namoonni miliyoonni 1.7 ta’an gandoota kuma 6 fi 510 keessa buqqa’uu isaanii eejansiin kun ifoomsera.

Akka ragaan eejansichaa muul’isutti yeroo ammaa kana namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 6 ol mana malee hafaniiru.

Walii gala manneen barnootaa 372, manni jireenyaa 305, dhaabbileen fayyaa 31 fi waajjiraaleen mootummaa 98 balaa kanaan barbadaa’aniiru.

Balalliin biyyaa keessaa fi alaas gufachuu isaa eejeansichi beeksiseera.

Balaan kun biyyattiitti yeroo 21ffaaf kan mudate ta’uun ibsameera.

Filippiinsitti bara Faranjootaa 2013ttis bubbee fi roobni taayfoon Haayen jedhmu lubbuu namoota kuma 6 olii galaafachuu fi qabeenyaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 12.9tti tilmaamamu barbadeessuu isaa Baankiin Addunyaa ifoomsera.

Maddi:- CGTN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.