Fana: At a Speed of Life!

Filannoo Turkiin injifattoota addaa baasuuf marsaa 2ffaaf sagaleen akka kennamu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC)- Filannoo Pireezidaantummaa Turkiin morkattoonni sagalee isaan injifachiisuu waan hinarganneef maraa 2ffaaf adeemsa sagalee kennuutti ce’uun gabaafame.

Hanga guyyaa kaleessatti adeemsa sagalee lakkaa’uu gaggeeffameen Pireezidantiin biyyattii Rasiip Xayiib Erdoohaan sagalee %49.37 argachuun filannoo pireezidantummaa 2023 dursaa jiraachuun eerameera.

Kaadhimamaan Pireezidaantii garaagarummaa sagalee muraasaan hordofaa jiran Kiilii Daaroogluu yoo ta’an, sagalee %44.99 argataniiru.

Waliigalaan, adeemsaa sagalee lakkaa’uun sagalee wabii %50 ol argachuu yoo dhaaban injifataa adda baasuuf filannoon marsaa lammaffaa gaggeeffamuu akka danda’u Aljaziiraan gabaaseera.

Waggoottaan shanan dhufan ummanni kan na tajaajila jedhee fi miseensota Paarlaamaa filachuuf namoonni miiliyoona 64.1 galmaa’uun sagalee kennaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.