Fana: At a Speed of Life!

Filannoon marsaa 6 ffaa karaa nagaa fi miilka’aa ta’een akka xumuramuuf ga’een Caffee fi manneen maree olaanaa-Aadde Loomii

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC)- Caffeen Oromiyaa,gamaaggama raawwii hojii bara 2013 fi karoora bara 2014 manneen maree aanaalee fi magaaloota Oromiyaa bakka miseensonni Caffee fi manneen maree argaman magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo waltajjicharratti haasaa baniinsaa taasisaniin,filannoon marsaa 6 ffaa karaa nagaa fi miilka’aa ta’een akka xumuramuuf ga’een Caffee fi manneen maree olaanaadha jedhaniiru.

Barbaachisummaan waltajjichaas,hojiin hojjetaman haala kamiin hojiirra oolaa jiru kan jedhu duub-deebii kennuufii cimina jiru itti fufsiisuun hanqina mul’atan ammoo furuuf kan gargaarudha jedhan.

Labsii tajaajila lammummaa bara 2012 ba’e hojirra oolchuurratti akkamittii raawwatamaa akka jiru fi hordoffiin taasifamaa ture maal fakkaata kan jedhu irratti mari’achuun ciminaa fi hanqina jiru addaan baasuun kallattii fuulduraa kaa’uuf akka ta’es eeran.

Yeroo murteessoo kanatti qaamoleen adda addaa biyya keessaa fi alaan biyyattiirratti dhiibbaa uumuuf yaala jiru.

Akka OBN gabaaseetti miseensonni Caffee Oromiyaa fi manneen maree aanaalee fi magaalota Oromiyaa akka bakka bu’aa uummataatti uummanni burjaajii keessa akka hin seennee gochuufi birmadummaa biyyaa eeguuf itti gaafatamummaa nurraa eegamu ba’uu qabnas jedhan Aadde Loomiin.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.