Fana: At a Speed of Life!

Filannoon bara kanaa Ityoophiyaaf boqonnaa haaraadha- obbo Dastaa Leedaamoo

Finfinnee, Eebla 14, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidamaa obbo Dastaa Leedaamoo filannoon bara kanaa Ityoophiyaaf boqonnaa haaraadha jechuun ibsan.
Lammiileen mirga demokiraasiitti fayyadamuun kaardii filannoo baasuun biyyaa fi ofiif jedhanii hirmaannaa taasisuu qabuu jedhaniiru.
Naannichatti buufataaleen filannoo kuma 2 fi 217 qophaa’uu ibsuun jiraattoonni deemsa dheeraa otuu hin imaliin buufata filannoo naannoo isaanitti argamuutti galmaa’uu akka qaban eeraniiru.
Adeemsi filannichaa milkii akka qabaatuuf dhaabbiilee qaamni ilaallatuu fi hoggantoota waliin sanadni qophaa’ee irratti mari’atamuu ibsaniiru.
Haala nageenyaa mijataa taasisuuf hawaasa naannichaa waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Geetaasaw Yeshiwaastu gaabase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.