Filannoon Ameerikaa guyyaa boruu gaggeeffama
Finfinnee, Onkololeessa 25, 2017 (FBC) – Filannoo Ameerikaa guyyaa boruu sagaleen kennamuuf duulli Filannoo har’a raawwata.
Filaannoon Ameerikaa kun ummata biyyattii qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti filannoo xiyyeeffannoo olaanaa qabuudha.
Doonaald Tiraampiifi Kamalaa Hariis pireezidantii Ameerikaa ta’uuf duula filannoo guyyaa dhumaarra gahaniiru.
Guyyaa dhumaa kanatti garee duula filnnoo Hariis gara Pensilvaaniyaa yoo duulu, Tiraamp ammoo gara Kaaba Kaarolayinaa, Pensilvaaniyaafi Michigaan imala.
Guyyaa Dilbataa Hariis uummata deeggarsaaf baheef dubbii goote keessatti waraana Gaazaatti xumura gochuuf wan dandeessu hunda akka gootu himte.
Tirmaap gama isaan waliin dhahuu adeemsa filannoorratti gaggeeffamaa jira jedhu ragaa osoo hin dhiyeessiin komate.
Oduun sobaa fi waliin dhahuun filannoo Ameerikaa burjaajii hamaa uumuu BBCn gabaaseera.
Dhaabbileen yaada uummataa hordofan filannoon bara kanaa dorgommii cima akkan keessummeessu akka ta’e ibsaa jiru.
Bu’aan filannoo bara kanaas seenaa keessatti baayyee kan walitti dhiyaatu ta’a jedhu.
Yeroo 2ffaaf Pireezidaantii Ameerikaa ta’uuf duula nafiladhaa gaggeessa kan jiran Doonaald Tiraampi yaaliin ajjeechaa irra deddeebiin irratti taasiifameera.
#Oromia #Ethiopia