Fana: At a Speed of Life!

Filannoo waliigalaa Biriitaaniyaan paartiin Joonsan injifate

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Filannoo waliigalaa Biriitaaniyaan paartiin Joonsan injifachuu himame.

Filannoo waliigalaa kaleessa gaggeeffameen paartiin biyyicha bulchaa jiru teessoowwaan 360 ol argachuun, sagalee caalmaan injifachuu danda’eera.

Paartichi filannicha injifachuun walqabatee, muummeen ministira Biriitaaniyaa Booris Joonsan Biriitaaniyaan hiikkaa gamtaa Awurooppaa waliin taasistu Baatii dhufu hojjirra ni oolchuun eeggama.

Morkaataa cimaa Booris Joonsan kan ta’an paartiin Leebar bara Faranjoota 1935 asi sagalee xiqqaa argachuun isaa himameera.

Paartiin Leebar filannichaan sagalee 203 argateera.
Bu’aan filannicha erga ifoomee booddee Booris Joonsan ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Biriitaaniyaatti Baatii Muddee filannoon gaggeeffamuun waggoota 100 booda isa jalqabaati jedhame.

Maddi:- BBC fi Rewuters

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.