Fana: At a Speed of Life!

Filannoo Walakkeessaa Ameerikaan Rippaabilikaanonni teessoo olaanaa injifachuu gabaafame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015 (FBC)- Filannoo Walakkeessaa Ameerikaan Rippaabilikaanonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti teessoo olaanaa injifachuu gabaafame.

Teessoo mana marichaa to’achuuf Rippaabilikaanonni filannichaan hanga ammaatti teessoo 218 argachuu ibsameera.

Rippaabilikaanonni filannoo konyaa Kaalifoorniyaa 27ffaan Maayik Gaarshiyaan injifachuu hordofee teessoo olaanaa mana marichaa injifachuu mirkaneeffataniiru.

Lakkoofsi sagalee bulchiinsota garaagaraarraa lakkaa’amee kan hin dhumne ta’uufi Rippaabilikaanonni teessoo 435 keessaa hanga ammaatti teessoo 218 argachuu eerameera.

Hanga teessoo 223 argachuu ni danda’uun tilmaamameera.

Bu’aa filannichaa hordofee Keevan Maakaartiin bakka buutuu paartii diimookiraatiifi Afyaa’ii mana marichaa Naansii Peeloosii bakka bu’uuf kaadhimamuu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.