Fana: At a Speed of Life!

Filannoo Preezdaantummaa Zaambiyaan Kaadhimamaan Paartii morkataa injifate

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Filannoo Preezdaantummaa Zaambiyaatti gaggeeffameen Kaadhimamaan Paartii morkataa Hakaayindee Hiichiileemaan injifatan.
Filannoo Preezdaantummaa Zaambiyaatti torbee darbe gaggeeffameen kaadhimamaan Paartii morkataa Hakaayindee Hiichiileemaan injifachuu Komishiniin Filannoo biyyattii ibsa baaseen himeera.
Hakaayindee Hiichiileemaan Preezdaantii duraanii biyyattii Eedgaar Luunguun sagalee miiliyoona 1 oliin caaluun injifachuu komishinichi ibseera.
Hakaayindee Hiichiileemaan filannicha injifachuu hordofee deeggartoonni isaanii daandiiwwan magaalaa Guddittii biyyattii Luusaakaasaatti ba’uun gammachuu isaanii ibsataa jiru jedhame.
Preezdaantiin duraanii biyyattii Eedgaar Luunguun gama isaanii filannichi haqa qabeessaa fi amanamaa hin turre jechuun dubbataniiru.
Buufataalee filannootti sagaleen waliin dhahamuu kaasaniiru.
Hakaayindee Hiichiileemaan gama isaanii komii preezdaantiin duraanii dhiyeessan kufaa taasiisaniiru.
Komiin akkasii paartii injifatameerraa kan eeggamuudha jedhan.
Hiichiileemaan kana dura yeroo 6ffaa filannoo Preezdaantummaa Zaambiyaaf kaadhimamaa ta’uun dhiyaachuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.