Filannoo naannawaarratti mariin gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Hagayya 9,2014 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa marii filannoo naannawaa gaggeessuuf dandeessisurratti qaamolee dhimmamtootaa waliin mari’achaa jira.
Qorannoo boordichi qophii filannoo marsaa 5ffaa biyyattiitti gaggeeffamuu irratti qorachiise irratti mari’achuuf paartileen siyaasaa garaagaraafi qaamoleen dhimmamtootaa 160 ta’an hirmaataniiru.
Walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, filannoon naannawaa ga’ee olaanaa qabaachuu kaasuun, filannicha gaggeessuufi muuxannoo gaarii biyyoota guddachaa jiran irraa fudhachuuf waltajjichi qophaa’uu ibsaniiru.
Filannicha naannoleetti raawwachiisuuf, rakkooleen mudataniifi mudachuu malan marichaaf akka galteetti kan ka’an ta’uu dubbataniiru.
Filannoon naannawaa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamu gandarraa eegalee hanga aanaafi godinaatti lammiileen bakka bu’ootasaanii filachuun sirna diimokiraasii kan itti cimsan ta’uu eeraniiru.
Tsaggaayee Wandwasantu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.