Fana: At a Speed of Life!

Filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaarratti hirmaannaa fi bakka bu’iinsa dubartootaa guddisuuf mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaarratti hirmaannaa fi bakka bu’iinsa dubartootaa guddisuuf paartilee Siyaasaa fi Waldaalee Siiviikii waliin mariin gaggeeffamaa jira.
Marii kanarratti bakka buutoonni paartilee fi Waldaalee Siiviikii hirmaataniiru.
Filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaa barana gaggeeffamurratti hirmaannaa fi bakka bu’iinsa dubartootaa guddisuun murteessaa ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa Muunaa Ahimaad dubbataniiru.
Paartileen kaadhimantootaa dubartootaa hangam dhiyeessuu danda’an dhimmi jedhu gaaffii murteessaa ta’uu qaba jedhan.
Hanga ammaatti dubartoota gara hoggansaatti fiduuf tattaaffiin taasiifame jajjabeessaa ta’us, sadarkaa hundatti hirmaannaa fi bakka bu’iinsa dubartootaa caalmaatti guddisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Waltajicharratti hirmaannaa dubartootaa akka biyyaaleessatti jiru ilaalchisee qorannoon dhiyaachuun irratti mari’atameera jedhame.
Dubartoonni gara murtoo laachuutti akka hin dhufne rakkoon caasaa, siyaasaa fi hawaasummaa maal akka ta’an qorannichaan sakatta’ameera.
Haamtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.