Fana: At a Speed of Life!

Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaaf ramaddiin yeroo qilleessaa kakaasii Filannoo paartiilee ifoome

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaaf ramaddiin yeroo qilleessaa kakaasii miidiyaalee paartiilee Siyaasaa ifoomeera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Abbaa Taayitaa Broodkaastiing waliin ta’uun qajeelfama ramaddii itti fayyadama miidiyaalee fi namuusa gaabasa filannoo ilaalchiisee marii gaggeessaniiru.

Abbaan Taayitaa Broodkaastiing ramaddii itti fayyadama yeroo qilleensaa miidiyaalee kakaasii filannoo paartilee morkattootaa ifoomseera.

Haaluma kanaan Raadiyoorraatti sa’aatiin 700, Teeleeviizhiiniin sa’aatiin 400 fi Gaazeexaan fuulli 600 ramadamuu ibseera.

Haala ramaddichaan % 25 paartileen hundi walqixa kan qoodatu yoo ta’u,% 40 ammoo haala baay’inna kaadhimamaa dhiyyeesaniin qoodama jedhame.

% 20 kaadhimamtoota dubartootaaf, % 10 qaama miidhamtootaaf, % 5 paartileen siyaasaa baay’ina teessoo mana maree keessatti kana dura qabaniin ta’a jedhame.

Paartileen Siyaasaa xummura baatii kanaa eegalee yeroo qileensaa fi fuula gaazeexaa ramamadameef hanga Caamsaa 23, 2013 kan itti fayyadaman ta’a jedhame.

Raadiyoo mootummaan Wiixataa hanga Jimaataatti guyyaa fi galgala daqiiqaa 30:00 torbeetti daqiiqaa 300 kan itti fayyadaman ta’uu ibsameera.

Teeleevizhiin mootummaa yookaa Ummataa kanneen akka EBC, OBN, AMN, Amaaraa TV fi Teeleevizhiin Kibbaa Wiixataa hanga Jimaataatti guyyaa fi galgala daqiiqaa 30 tajaajila ni laatu jedhame.

Miidiyaaleen biroo Wiixataa hanga Jimaataatti galgala galgala daaqiiqaa 30 torbeetti daqiiqaa 150, miidiyaaleen daldalaa torbeetti guyyaa 2 yeroo hunda galgala galgala daqiiqaa 30 tajaajila ni laatu jedhameera.

Madda:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.