Fana: At a Speed of Life!

Fiinlaand filannoo Ityoophiyaa deeggaruuf waliigaltee Yuuroo kuma dhibba 8 mallatteessite.

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Fiinlaand filannoo Ityoophiyaa deeggaruuf waliigaltee Yuuroo kuma dhibba 8 mallatteessite.

Waliigaltichi kan mallatteesse Fiinlaandii fi Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniiti.

Deeggarsi maallaqichaa Boordiin Filannoo Ityoophiyaa filannoo haqa qabeessa, hirmaachisaa fi amanamaa gaggeessuuf qophii taasisu gargaaruuf oola jedhameera.

Deeggarsichi dandeettii humna namaa cimsuuf kan ooludha.

Waliigalticha Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Fiinlaand Heleenaa Eeraaksineenii fi sagantichatti bakka bu’aan Ityoophiyaa Tuurhaan Saaleeh mallatteessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.