Fana: At a Speed of Life!

Fiinlaad dhiirootaaf eeyyama da’umsaa qixa dubartootaa laachuufi

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Fiinlaad dhiirootaaf eeyyama da’umsaa qixa dubartootaa laachuuf akka ta’e himame.
 
Hojmaata ammaa jiruun biyyaattiItti dubartootaaf eeyyamni da’umsaa baatii 4 ol kan kennamu yoo ta’u dhiirootaaf ammoo baatii 2 fi torbee 2tu laatame jedhame.
 
Seerri kun walqixxuumaa koorniyaa fi nageenya jajjabeessuuf kan yaaddame yoo ta’u, kaffaltiinis akka dabalamu ibsameera.
 
Yaa ta’uutii dhiiroota 4 keessaa 1 qofatu eeyyama kanatti fayyadamaa jira jedhameera.
 
Eeyyamni ammaa karoorfame kun garuu waarreen dahan qofa kan ilaalu ta’uu himameera.
 
Ministirri Fayyaa fi Dhimmoota Hawaasummaa biyyattii Aysaa Peekkoon, hariiroo maatii cimsuuf faayidaalee irratti jajjiirama bu’uraa taasisaa jiraachuu himaniiru.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.