Fana: At a Speed of Life!

Fiilmiin afaanoota sadiin Laga Abbayyaarratti hojjetame agarsiisaf dhiyaachuufi jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Fiilmiin dhimma laga Abbayyaarratti Afaan Amaaraa, Afaan Ingilizii fi Afaan Arabaan hojjetame agarsiisaaf dhiyaachuuf ta’uu himameera.
Fiilmiin barsiisaa fi bashannansiisaan ‘Hiid naa’ jedhamu afaanoota sadiin qophaa’e kun yeroo dhiyootti agarsiisaaf ni dhiyaata jedhameera.
Fiilmichi Waxabajjii 6, 2013 kan eebbifamu yoo ta’u, Faayidaa Lagni Abbaayyaa Ityoophiyaanootaaf qabu kan agarsiisu ta’uu eerameera.
Gibtsi Fiilmiwwan, Muuziqaa, Afoolotaa fi Kitaabolee barumsaa Laga Abbayyaa irratti maxxansuun lammiileen ishee laga Abbayyaa akka jireenya isaanitti akka ilaalan hojii bal’aa hojjechuu Ministeera Aadaa fi Tuuriizimiitti Daayreektarri Indaastirii Aadaa obbo Tafarii Takluun ibsaniiru.
Akka Ityoophiyaatti garuu hojiin hubannoo uumuu hojjetame kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.
Fiilmiin afaanoota kanneenii hojjetame kun daawwattoonni alaa Lagni Abbayyaa Ityoophiyaaf maal akka ta’e kan hubachiisu ta’uu himuu isaanii ragaan Ministeera Aadaa fi Tuurizimiirraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.