Fana: At a Speed of Life!

Fiildi Maarshaal Birhaanu Juulaan Jila Loltummaa Moorookoo waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)-Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanu Juulaan Jila Loltummaa Moorookoo Meejer Jeneraal Aziiz Idiriisiin durfamu waliin mari’atan.

Mariin isaaniis dhimmoota loltummaa biyyoota lameeniirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Hariiroo seenaa qabeessaa yeroo dheeraa biyyoota lameen gidduu jiraachuu fi sababoota garaagaraan addaan citee turuu yaadachiisan.

Yeroo ammaa hariiroo jiru cimsuuf marii fi daawwannan taasifamuun gaarii ta’uu ibsaniiru.

Meejer Jeneraal Aziiz Idiriis gama isaaniin, Itiyoophiyaan damee nageenya kabachiisuu fi kanneen biroorratti loltootaa ciccimoo ergama ga’umsaan bahachuu danda’an kan qabdu ta’uu ibsan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin walta’iinsa taasisuun barbaachisaa ta’uurraan gara Itiyoophiyaa dhufuu kaasaniiru.

Mariin gaggeeffames dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf karraa akka saaqu eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.