Fana: At a Speed of Life!

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ergaa baga ittiin isin gahe dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, bara haaraa 2017 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun ergaa isaaniin barri haaraan kan Nagaa, Fayyaa fi milkaa’inaa akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, barri 2017 nageenyi waaraan mirkanaa’ee xiyyeeffannoo keenyaa guddina biyyaarra taasiisuf ni hojjennaa jedhaniiru.

Gareewwan shoroorkeessitoota naannoolee hunda keessaa socho’uun gidiraa ummataa baay’isanirratti tarkaanffiin kan fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.