Fana: At a Speed of Life!

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC) – Itaamaajooriin Waliigaalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree ‘Biyya bu’uuressuu, Dhaloota waaressuu’ jedhuun eegalame bakka miseensoonni raayyaa ittisaa jiran hundatti kan gaggeeffamu ta’uu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan eeraniiru.

Fiild Maarshaan Birhaanuun har’a mooraa qajeelcha olaanaa Loojistiksii Raayyaa Ittisaa Malkaa Qaallittiitti argamutti sagannticha eegalchiisaniiru.

Ministir Deetaa Ministeera Raayyaa Ittisaa Toomaas Tuut dabalatee qondaaltoonni olaanoon raayyaa ittisaa saganticharratti argamuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.