Fana: At a Speed of Life!

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Afrikaa Kibbaatti daawwannaa hojii taasiisaa jiru

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Afrikaa Kibbaatti daawwannaa hojii taasiisaa jiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuun affeerraa Itaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Afrikaa Kibbaa Jeneeraal Ruudizaanii Moopihiwaaniyaan taasiisaniif hordofee Afrikaa Kibbaatti daawwannaarra jiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaaf Mooraa Waajjira Olaanaa Raayyaa Ittisaa Afrikaa Kibbaa keessattii agarsiisa waraanaa garaagaraan simaanna ho’aan taasifameefira.

Kabajaa isaaniif Madfiin yeroo 13 dhukkafamuu ragaan Afrikaa Kibbatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Hariiroon seenaa qabeessi ummataa fi biyyoota lamaanii bara dheeraa lakkoofsiise dabalaa dhufuun tumsa waraanaaf bu’ura kaa’uu isaa marii taasiisaniin ibsameera.

Yeroo itti aanu hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf murannoon jiraachuu marichaan ka’eera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.