Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Guddichi Wancii-Dandii hawwata naannichaa dabaluuf faayidaa olaanaa qaba-BDIO

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Fiigichi Guddichi Wancii-Dandii hawwata naannichaa dabaluuf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa beeksise.

Sagantaan Fiigicha guddichaa Wancii Dandii kiiloo meetira 10 Amajjii 18, 2016 kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Hoogganaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Maatiwoos Sobbooqaan, biirichi, Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa fi Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa waliin ta’uun sagantaa fiigichichaa qopheessuu himan.

Pirojektiin Ikkoo Tuuriizimii Wancii-Dandii bakka shaakala Ispoortii kan qabu ta’uurraan, atileetoota biyya keessaafi alaa hawachuutti dabalataan hawwatummaa naannichaa dabaluuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Saganticharratti Atileetonni bebbeekamoon, kilaboonni biyyaalessaa, akkasumas biyyoota ollaarraa Atileetonni hedduun kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Komaandartaa Atileet Daraartuu Tulluun gama isaaniin, Fiigichi Guddichi Wancii atileetonni biyya bakka bu’an horachuuf kan tumsu ta’uu himan,

Dabalataanis bakki shaakala guluffii Fardaa fi fiigicha gufachiisaa hojjetamaa jiraachuu eeranii, sagantaa kanarratti hunduu akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.