Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Daandirraa Magaala Baatutti gaggeefame nagaan xumurame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) –Fiigichi Daandirraa “Haa fiignu Qarqara Haroo Dambal haa qulqulleessinu” mata duree jedhuun Magaalaa Baatuutti gaggeefame hirmaatotaaf beekamtii kennuu fi warra injifatan badhaasuun xumurameera.

Komishiniin Turizimii Oromiyaa sagantaan kun milkiin xumuramuun isaa Kaayyoo Fiigichaa milkaa’uu akeeka jedhaniiru.

Fiigichi kun qulqullina Haroo Dambal eeguuf hubannoo barbaachisu uumuuf yaadamee kan qophaahe ta’uu himuudhaan kaka’umsi hawaasa bira jiruu fi kaka’umsi qaamole qooda fudhattootaa abdii nutti uumeeras jedhaniiru.

Fiigichi kun itti fufiinsaan kan qophaa’u taasiisuun dheebuu misoomaa Hara Dambal ni baasna jedhan kantiibaan Magaala Baatuu obbo Gazzahaanyi Dajaneen.

Qarqara Hara Dambal misoomsuuf karoorri qophaa’uu fi Bulchiinsi magaalichaa yeroo dhiyootti waan irraa eegamu hojjachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Harri Dambal qulqullinaan qabamuu dhiisuu isaatti qarqarri harichaa hektaarri 50 ol aramaa boceen faallamee kan ture ta’uu fi hojii uummata hirmaachisuun hojjetameen hektaara 43 irraa aramaa bocee qulqulleessuun danda’amuu dubbataniiru.

Lafti qarqara Laga Dambal hektaarri 20 ta’u qorannoon adda baafamee invastaroota simachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Fiigicha guyyaa har’aa qophaa’erratti jiraatonni magaalichaa Kuma 2 ta’an hirmaachuu ibsaniiru.

Addis Taammiraatiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.