Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha xumuraa fageenya meetira kuma 3 Shaampiyoonaa Atleetiksii addunyaa 18ffaa Sarbiyaan Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) – Fiigicha xumuraa fageenya meetira kuma 3 Shaampiyoonaa Atleetiksii addunyaa mana keessaa 18ffaa Sarbiyaatti daqiiqaa muraasa booda gaggeeffamuun Atleetoonni Ityoophiyaa injifataniiru.

Atleetoonni Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Sarbiyaa 18ffaaf miidhagina ta’aniiru jedhame

Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa fiigicha mana keessaa Sarbiyaa Beelgireeditti yeroo 18ffaaf adeemsifamaa jiruun Ityoophiyaan milkii bareedaan toora injifannoo qabatteerti.

Fiigicha mana keessaa har’a xummura argatu kanaan Atleetonni Ityoophiyaa maqaa injifannoon Addunyaan Atleetiksii isaan beeku Atleet Solomoon Baraggaa fi Atleet Lammeechaa Girmaa morkii fageenya meetira kuma 3’n Atleetota akka Addunyaatti ga’umsa addaa qaban waliin morkachuu cinaatti waliisaanis miira dorgommiin mormatti wal-qabuun injifannoo galmeessaniiru.

Hanga ammaatti shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa 18ffaa Sarbiyaa Beelgireeditti gaggeeffamaa jiruun Ityoophiyaan sadarkaa 1ffaan dursaa jirti.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.