Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha Maaraatoonii eda gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’aan

Finfinnee, Hagayya 23, 2014 (FBC) – Fiigicha Maaraatoonii halkan edaa biyyoota garaagaaraatti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’aniiru.
Walakkaa maaraatoonii Intiriimitti gaggeeffameen Dhiiraan Atleet Jamaal Yimar daqiiqaa 59 fi seekondii 3n 1ffaa yoo ba’u, Tasfahuun Akaalnew sadarkaa 4ffaan xumureera.
Dubartootaan ammoo Atleet Yalemzarfi Yewuhaalaaw sa’aatii 1 fi daqiiqaa 4n xumuruun 1ffaa yoo baatu, Atleet Tsahaay Gammachuu sadarkaa 2ffaan xumurteerti.
Bifuma walfakkaatuun fiigicha walakkaa Maaraatoonii Awustiraaliyaatti fiiggameen Atleet Baqqalachi Guddataa sa’aatii 1 fi daqiiqaa 8n xumuruun yoo injifattu, dhiirootaan ammoo Atleet Kiroos Ashannaafii sa’aatii 1 fi daqiiqaa 2 xumuruun 2ffaa ba’eera.
Dorgommii Maaraatoonii Meeksiikootti gaggeeffameen dubartootaan Atleet Amaanee Bariisoo sa’aatii 2 fi daqiiqaa 25n 1ffaa yoo baatu, Atleet Muluyyee Dhaqqaboo sa’aatii 2f daqiiqaa 31 sadarkaa 3ffaan xumurteerti.
Gama biroon fiigicha fageenya meetira kuma 1 fi 500 Jarman Liivarkuusanitti fiiggameen Atleet Natsaannat Dassitaa 1ffaa baateerti.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.