Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha daandiirraa guyyaa borii gaggeeffamuun daandileen cufaman ifooman

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Fiigicha daandiirraa kiiloo meetira 10 guyyaa borii Finfinneetti gaggeeffamuun daandiilee Cufaman Poolisiin magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Fiigichi daandiirra kiiloo meetira 10 Waggaa 80ffaa Hundeeffama Kilaba Ispoortii ‘Machaal’ mata duree “Machaal Itiyoophiyaaf “jedhuun bori ni gaggeeffamaa

Haaluma kanaan,

.Masaraa Mootummaarraan gara Addabaabaayii Masqalaa geessuu

. Kaazaanchisii gara Baambiis

. Addabaabayii Olompiyaa gara Addabaabayii Masqalaa

. Addabaabayii Xilahuuni gara ibsaa Saan Jooseef

. Ibsaa Laga Harreeti gara Addabaabayii Masqalaa

. ibsaa Harraambeerraa gara Addabaabayii Masqalaattii borii ganamaa sa’aatii 11:00 irra eegalee hanga fiigichi xumuramuutti konkolattootaaf cuufa ta’uu ibseera.

Sarara fiigichi gaggeeffamuu kanneennirratti guyya har’aa sa’aatii 12:00 irra egalee konkolaattota dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.