Fana: At a Speed of Life!

Fiigacha daandiirraa “Itiyoophiyaan Haa Oomishtu” gaggeeffamuuf daandilee cufaa taan ifooman

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)- Fiigacha daandiirraa “Itiyoophiyaan Haa Oomishtu” jedhuun gaggeeffamuuf daandileen konkolaattotaaf cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomse.

Fiigichi daandiirraa “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu” kiiloo meetiraa 10 ka’umsaa fi ga’umsaa isaa Addabaabaayii Masqalaa ta’eFinfinneetti Boru ni gaggeeffama.

Haaluma kanaan sagantichi eegalamee hanaga xumuramutti daandileen:

• Magganaanyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu, Mana Amantaa Uraa’elitti,

• Addabaabaayii Olompiyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu,

• Addabaabaayii Masqal Filaawor irraa gara Qaxxaamuraa Agoonaa

• Addabaabayii Gorgoriyoos irraa gara Gootaraa

• Sheelii gootaraa irraa gara Gootaraa

• Ce’umsa Maammoo irraa gara Gootaraa

• Gofaa gabiri’eel irraa marfataa Gofaa

• Dirree Almaaiyyeerraa garaa Qeera Berat

• Addabaabaayii Makkanniisaa Abboo irraa gara Addabaabaayii Saarbeet

• Addabaabaayii Kaarlirraa gara Addabaabaayii Saarbeet

• Tsabala Lidataa irraa gara ibsaa Gamtaa Afrikaa

• Marfataa Bulgaariyaarraa gara ibsaa Gamtaa Afrikaa

• Gamoo Xamamaa irraa gara Warshaa Rasaasaa

• Hospitaalaa Landi Maarkirraa gara ibsaa Gannata

• Hospitaalaa Baalchaarraa gara Addababaayii Meeksiiskoo

• Warshaa Araqeerraa gara Addabaabaayii Meeksiiskoo

• Qaxxaamura Manneen waliin jireenyaa 40/60 Sangaa Taraa gara ibsaa Sangaa taraa

• Gamoo Baddiluu irraa gara Karra Telee

• Tiyaatira Biyyaalessaarraa gara ibsaa Laga Harree

• Ibsaa harrambee irraa gara Ibsaa Saanjooseef

• Masaraa Biyyaalessarraa gara Addabaabaayii Maqalaa

• Hoteela Interkontinaantaalirraa gara Baambiisitti daandileen geessan ganama sa’aatii 11:00irraa eegalee konkolaattotaaf cufaa ta’uu beeksiseera.

Kana malees jala bultiirraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti konkolaattotaa yeroo gabaabaafis ta’ee dheeraaf dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.