Fana: At a Speed of Life!

Fiichee Cambalaalla misoomsuu fi beeksisuun gahee ummattoota Itiyoophiyaa cufaati-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)- Fiichee Cambalaalla, ulfinaa fi falaasama ummata Sidaamaa ibsuurra darbee, qabeenya guddaa biyya keenyaa waan ta’eef, misoomsu fi beeksisuun gahee ummattoota Itiyoophiyaa maraa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasumma isaaniin, “Ayyaana bara haaraa ummata obbolaa keenya Sidaamaa kan ta’e, Fichee Canbalaalla bara 2016 guyyaa har’aa kabajamaa jiru kanarratti hirmaachuu kiyyaan gammachuu guddaatu natti dhagahama” jedhan.

Ummanni Sidaamaa ummata aadaa boonsaa, dudhaa nageenyaa fi jaalalaa cimaa qabu, ummata dhaha mataa isaa qabu, Ummata Oromoo waliinis hariiroo damee gosummaa, jiruu fi jireenyaa, akkasumas hawaasummaa cimaa qooddatu; Ummata Obbolaa ta’uu himan.

Fiichee Cambalaalla, ulfinaa fi falaasama ummata Sidaamaa ibsuurra darbee, qabeenya guddaa biyya keenyaa waan ta’eef, misoomsufi beeksisuun gahee ummata Sidaamaa qofa osoo hintaane, kan ummattoota Itiyoophiyaa cufaatis jedhan.

Itoophiyaan tokkummaa cimaa fi badhaadhina gonfatte dhugoomsuuf, aadaa, duudhaa fi ilaalcha ummattoota maraa, qaama eenyummaa tokkoon tokkoon keenyaa taasisnee fudhachuu barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Akkuma Fichee Cambalaalla nuuf ibsu, bara haara’ichaa dhiifama, gamtaa fi tokkummaan jalqabuu qabna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.